Fana: At a Speed of Life!

MM Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Zaambiyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Guraandhala 7, 2017 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Preezidantii Zaambiyaa Hakaayindee Hikleemaa waliin mari’ataniiru.

Pireezidaantichaa waliin taasisan dameewwan aanniisaa fi geejiba qilleensaa dabalatee dhimmoota garlamee fi naannawaarratti bal’inaan mari’achuu Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Jalbultii Yaa’ii Gamtaa Afrikaarratti sirna addunyaa yeroodhaa yerootti jijijjiiramaa jiru keessatti faayidaa sadarkaa ardii fi tokkummaa qabaachuu irratti xiyyeeffachuun mari’achuu kaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.