Mootummaan injifannoo bu’uureessaa; nageenya waaressaa milkaa’inootas galmeessaa jira-BKO
Finfinnee, Amajjii 30, 2017 (FMC)-Mootummaan Naannoo Oromiyaa injifannoo bu’uureessaa; nageenya waaressaa milkaa’inootas galmeessaa jiraachuu Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa ibse.
Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa raawwii Hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa baatiiwwan jahan darbaniirratti ibsa Midiyaaleef kenneera.
Hogganaa Itti Aanaan Biirichaa Obbo Isheetuu Sirneessaa ibsa kennaniin, Mootummaan Naannoo Oromiyaa injifannoo bu’uureessaa, nageenya waaressaa milkaa’inoota galmeessaa jiraachuu ibsaniiru.
Mootummaan Waliigaltee qondaaltoota WBO waliin taasiseen, hidhattoonni kumaatamaan lakkaa’aman gaaffii nagaa uummataa fi mootummaa simatanii karaa nagaan galuus dubbataniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa qondaaltota WBO boqonnaa haaraa saaqaniif galataa fi ulfina olaanaa kan qabu ta’uu kan ibsaniiru.
Ammas kan galaa jiran simatamaa jiraachuu eeruun,. Sababa garaagarummaa ilaalchaatiin nama tokkollee yoo ta’e meeshaa waraanaa hidhatee bosona akka turu mootummaanis ta’e uummanni Oromoo hin barbaadu jedhan.
Gama misooma qonnaatiin tarsiimoowwan gurguddoo arfan, Wabii nyaataa mirkaneessuu, Al-ergii guddisuu, Oomisha alaa galu kan biyya keessaan bakka buusuu fi Carraa hojii uumuu giddugaleessa godhachuun hojii hojjetameen bu’aawwan guguddoo galmaa’aa jiraachuu Obbo Isheetuun eeraniiru.
Qonna Gannaa bara 2016/2017 lafti heektaarri miiliyoonni 11.6 misoome irraa callaa kuntaalli miiliyoonni 300 fi miiliyoona 27 hanga ammaatti sassaabameera.
Inisheetiivii qamadii bonaatiin lafa hektaara miiliyoona 4 misoomsuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti heektaarri miiliyoonni 2.9 faca’uu himnaiiru.
Oomishaa aleergi guddisuuf hojii hojjetameen ji’oota ja’an darban Albuuda gabaa Alaaf dhiyaaterraa galiin Dolaara miiliyoona 300 fi miiliyoona 85 argamuu dubbataniiru.
Hojii invastimantii hawaataa taasisuu fi murtoo addaa mootummaan fudhateenis naannichatti Pirojeektoota invastimantii kuma 10 ol simachuun piroojeektoonni kuma 4 fi 366’f murtii kennuun danda’ameera.
Ji’oota ja’an darban manneen barnootaa Bu’uura boruu kuma 3 fi 549 fi manneen jireenya barsiisotaa kuma 9 fi 549 kan ijaaraman ta’uu eeraniiru.
Dassaalanyi Abbarraatu gabaase.