Mootummaan Liibiyaa fi paartileen morkattootaa waliigaltee nagaa fi araara biyyaalessaa mallatteessan
Finfinnee, Guraandhala 7, 2017 (FMC) – Mootummaan Liibiyaa fi paartileen morkattootaa waliigaltee nagaa fi araara biyyaalessaa mallatteessan.
Waliigaltichi koree araaraa Gamtaa Afrikaan hojiirra akka oole ibsameera.
Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaamaat ergaa dabarsaniin, Gamtaan Afrikaa nageenya Ardichaa waareessuuf ciminaan hojjechaa jira jedhan.
Rakkoolee keessoo furuun galma ijoo yaadama rakkoo Afriikaa Afrikaan furuu jedhu keessaa tokko ta’uus ibsaniiru.
Gamtaan Afrikaa Liibiyaa nagaa duraan qabdutti deebisuu fi nageenya lammiilee ishee mirkaneessuuf koree jaarsummaa hundeessuu beeksisaniiru.
Sanadni waliigaltee korichi dhiheesse haqa qabeessaa fi qaamolee lamaaniif deebii kan kennu ta’uus ibsaniiru.
Hojiirra oolmaa waliigaltichaaf mootummaan Liibiyaas ta’e paartileen morkattootaa itti gaafatamummaa isaanii bahachuutu irraa eegama jedhan.
Dhaabbilee idil-addunyaa fi qooda fudhattoota nagaa fi nageenya irratti hojjetan irraas deeggarsa argachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Waliigaltee kanarratti hooggantoonni fi qooda fudhattoonni biyyoota Afrikaa adda addaa hirmaataniiru.