Mootummaan Naannoo Oromiyaa tarkaanfii addaa misooma qamadii mekanayizeshinii qonnaan deeggaruuf hojjetaa jira – Obbo Awwaluu Abdii
Finfinnee, Guraandhala 21, 2017 (FMC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa Inisheetiivii misooma qamadii mekanayizeshinii qonnaan deeggaruuf hojjetaa jiraachuu Pireezidaantii Itti aanaan mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii himan.
Obbo Awwaluu Abdiin Qamadii Aanaa Ejeree fi Walmaraa Laga Awwaashitti jallisiin misoomaa jiru daawwataniiru.
Abdiin Birmadummaafi bilisummaan biyyaa mirkanaa’uu kan danda’u hojii misoomaa yoo cimsineedha jedhan Obbo Awwaluun daawwannicharratti.
Mootummaanis hojii misooma Qonnaa kana makaanaayizeeshiniin deeggaruuf tiraaktaraafi kombaayinara qonnaan bultootaaf liqaan dhiyeessaa jiraachuu himaniiru.
Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Shawaa Lixaa Obbo Tarrafaa Araarsaa, bara kana lafa hektaara kuma 381fi 818 ol irratti qamadiin misoomaa jiraachuu himan.
Oomisha Qamadii kanarraas callaa kuntaala miiliyoona 14 ol sassaabuuf hojjetamaa akka jiru dubbachuu ragaan Kominikeeshinii godinicharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia