Morkii jabaa boru Baarseloonaa fi Riyaal Maadriid gidduutti gaggeeffamu
Finfinnee, Ebla 17, 2017 (FMC) – Morkiin Eelkilaasikoo tapha Waancaa Kooppaa ‘Del Rey’ Baarseloonaa fi Riyaal Maadirid gidduutti boru gaggeeffamu hawwiin eegama.
Masaanummaa siyaasaa hanga kubba miilaatti kan itti fufu tapha waancaa hordoftoota Kubbaa Miillaa biratti hawwiin eegamuudha.
Taphni kun boru halkan sa’aatii 5:00 eegalee taphatama.
Baarseloonaan yeroo 31 waancicha fudhachuun seenaa olaanaa qaba.
Riyaal Maadriid ammoo yeroo 20 injifateera.
Riyaal Maadriid bara kana tuuta taphattoota ciccimoo qabaatus ga’umsa itti fufaa ta’e agarsiisuu hin dandeenye.
Baarseloonaan garuu Waancaa 3 milkeessuuf daandirra jira.
Baarseloonaan bara kana taphattoota 10niin gara daqiiqaa 50 taphachuun galchii 5 fi 2n Riyaal Maadriid injifachuun waancaa Ispaanish Kaappii injifachuun kan yaadatamuudha.
Morkiin boruus xiyyeeffannoo olaanaa argateera.
#Oromia #Ethiopia