Naannawaa dijitaalawaa nageenyummaan isa eegamee ijaaruun milkaa’ina Dijitaal Itiyoophiyaaf murteessaadha-Obbo Tamasgeen Xurunaa
Finfinnee, Amajjii 19, 2017 (FMC)-Naannawaa dijitaalawaa nageenyummaan isa eegame ijaaruu fi sodaawwan saayibarii ittisuun, milkaa’ina Dijitaal Itiyoophiyaaf murteessaa ta’uu Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan ibsan.
Agarsiisnii fi waltajjiin qorannoo karooraa fi imala ce’umsa dijitaalaa Itiyoophiyaarratti xiyyeeffate Finfinnee Gola Hambaa Saayinsitti eegaleera.
Waltajjicha kan eegalchiisan Obbo Tamasgeen Xurunaa akka dubbatanitti, Naannoo dijiitaalaa nageenyummaan isaa eegame ijaaruu fi sodaawwan saayibarii ittisuun milkaa’ina Itiyoophiyaa dijitaalawaaf murteessaadha.
Waggaa xumura tarsiimoo Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 irratti argamna kan jedhan Obbo Tamasgeen, tarsiimoo kanaan milkaa’inoonni hedduun galmaa’uus yaadachiisaniiru.
Gufuuwwan hedduunis mudachuu eeranii, kana bu’uureffachuunis waggoota shanan dhufaniif tarsiimoon “Dijitaal Itiyoophiyaa 2030” jedhu qophaa’uu dubbataniiru.
Tarsiimoowwan milkaa’ina ce’umsa Dijitaal Itiyoophiyaaf murteessoo ta’an lama “Tarsiimoo Mootummaa Dijitaalawaa” fi “Tarsiimoo Daldalaa Dijitaalawaa” waltajjicha irratti ifoomaniiru.
Taarikuu Laggaasaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia