Fana: At a Speed of Life!

Naannawaaleen haala qilleensaa Arfaasaaf mijatan rooba gadaanaa hanga giddugaleessaa ni argatu-IMI

Finfinnee, Bitootessa 2, 2017 (FMC)- Naannawaalee haala qilleensaa Arfaasaaf mijataa qaban roobaa gadaanaa hanga giddugaleessaa akka argatan Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa beeksise.

Guyyoottan kurnan dhufan haalli qilleensaa roobaaf mijatoo ta’an akka uumaman akeekeera.

Kanaan walqabatee, naannawaalee, Kibba, Kibba Lixaa, Giddugaleessaa, Kaaba Bahaa, Bahaa fi Sulula Qiinxaamaan, rooba fooyya’aa akka argatan eerameera.

Haala qilleensaa uumamu bu’uureffachuun naannawaaleen Arfaasaaf mijatoo ta’an rooba salphaa fi giddugaleessaa akka argatan ibseera.

Naannawaalee kanneen bakkeewwan muraasatti ammoo roobni olaanaan akka roobu raagni jiru akka akeeku ragaan Inistiitiyuuticharraa argame ni mul’isa.

Dabalataan, Aduu cimaa jiruun walqabatee keessumaa naannolee Gaambeellaa, Afaar, Somaalee, Beenishaangul Gumuzii fi Lixa Amaaraatti, ho’a olaanaa Digirii Seelshiyasii 30 fi naannawaalee muraasatti ammoo Digirii Seelshiyaasii 40 ol akka ta’u beeksiseera.

#Oromia #Ethiophia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.