Naannichi Warqee Kiiloo Giraama kuma 3 fi 100 Baankii Biyyaalessaaf dhiyeesse
Finfinnee, Ebla 17, 2017 (FMC) – Naannoon Beenishaanguul Gumuz baatiwwan saglan darban Warqee Kiiloo Giraama kuma 3 fi 100 Baankii Biyyaalessaaf dhiyeessuu beeksiise.
Warqeen Oomishtoota Xixiqqaa, dadabarsitootaa fi dhaabbileen oomishaman Kiiloo Giraamni kumni 3 fi 100 ol Baankii Biyyaalessaaf dhiyaachuu ragaan Kominikeeshinii naannicharraa argame ni mul’isa.
Naannichatti galiin Albuudarraa argamu dabalaa dhufuu fi baatiwwan saglan darban Birriin miiliyoonni 38 fi kumni 900 argamuu ibsameera.
#Oromia #Ethiopia