Naannoleen ayyaana Kataraa fi Cuuphaa kabajuuf qophii barbaachisu xumuruu beeksisan
Finfinnee, Amajjii 9, 2017 (FMC) – Naannoon Gaambeellaa, Sidaamaa, Kibbi Lixaa fi Giddugaleessi Itiyoophiyaa ayyaana Kataraa fi Cuuphaa kabajuuf qophii barbaachisu xumuruu beeksisaniiru.
Ayyaana kana karaa aadaa fi duudhaa amantummaasaa eegeen kabajuuf qophiin barbaachisu xumuramuu Komishinarri Komishinii Poolisii Naannoo Gaambeellaa Ugulaa Ujuluun ibsaniiru.
Waayita ayyaanaa rakkoo mudachuu maluuf deebii hatattamaa kennuuf Dhaddachi yeroo ariifachiisaa hundaa’uu himaniiru.
Ayyaanni Kataraa fi Cuuphaa karaa bilisa ta’een akka kabajamu qophiin qindoomina qabu taasifamuu Komishiniin Poolisii Naannoo Sidaamaa himeera.
Ayyaanichi Magaalaa Hawaasaa dabalatee naannawaa hundatti haala miidhagina qabuun akka kabajamu qophii gahaan taasiifamuu Komishinarri Komishinii Poolisii naannichaa Shimallis Toomaas ibsaniiru.
Ayyaanni Kataraa fi Cuuphaa yakka kamiiyyurraa bilisa ta’ee akka kabajamu qophii gahaan taasiifamuu Komishinarri Komishinii Poolisii Naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaa Sabsibee Shaawoonoon himaniiru.
Rakkoolee mudachuu malan ittisuuf naannaawaa laga cuuphaatti buufataaleen Poolisii yeroo hundaa’uu eeraniiru.
Naannoon Giddugaleessa Itiyoophiyaa fi Bulchiinsi Magaalaa Dirre Dhawaas ayyaanichi tasgabbiin akka kabajamu qophiin barbaachisu taasifamuu ibsaniiru.