Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Amaaraatti mariin uummataa gaggeeffame

Finfinnee, Ebla 21, 2017 (FMC) – Naannoo Amaaraa magaalota garaagaraatti mariin uummataa gaggeeffameera.

Hirmaattonni marichaaa nageenyaaf kan hojjetan ta’uu mirkaneessaniiru.

Waltajjiiwwan kanneen irratti dookumantariin “ harkoota badiisaafi miidhaa isaa” jedhu kan dhiyaate yoo ta’u, dookumantaricharraa miidhaa badiisaafi barbaachisummaa nageenyaa hubachuu eeraniiru.

Manneen barnootaafi bu’uuraaleen misoomaa hedduun barbadaa’uu isaa arguus dubbataniiru.

Hawaasni kan barbaadu nagaa ta’uufi kanaafis kan hojjetan ta’uu mirkaneessaniiru.

Waraanni eenyuunuu fayyaduu akka hin dandeenye kaasuun, hundi nageenya mirkaneessuuf hojjechuu akka qabus hubachiisuu isaanii AMCn gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.