Naannoo Gaambeellaatti boruu eegalee sa’aatiin hojii jijjiiramuufi
Finfinnee, Amajjii 30, 2017 (FMC) – Naannoo Gaambeellaatti hammi Ho’aa dabalaa dhufuu hordofee sa’aatiin hojii Mootummaa Boruu eegalee kan jijjiiramu ta’uu Manni Maree naannichaa beeksiseera.
Haaluma kanaan boru eegalee sa’aatiin hojii Mootummaa waaree dura sa’aatii 1:00 – 6:30tti kan ture gara sa’aatii 1:00 – 5:30tti jijjiiramuu ibseera.
Akkasumas waaree booda sa’aatii 9:00 – 11:30tti kan ture gara sa’aatii 10:00 – 12:30tti akka jijjiiramu murtaa’uu ibsameera.
Fooyyessi sa’aatii hojii kun Godina Maajaang Aanaalee Mangashii fi Godarree kan hin ilaallanne ta’uu eerameera.
#Oromia #Ethiopia