Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Gaambeellaatti talaalliin ittisa Koleeraa kennamuu eegale

Finfinnee, Bitootessa 20, 2017 (FMC) –Naannoo Gaambeellaatti talaalliin ittisa dhibee Koleeraa kennamuu eegaleera.

Talaallichaan kutaalee hawaasaa kuma 900 fi kuma 90 ol waliin gahuuf hojjetamaa jiraachuun ibsameera.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan, aanaalee weerarri dhibichaa mudateetti giddugalli wal’aansaa yeroo hundaa’uu himaniiru.

Weeraricha ittisuuf hojiin hirmaannaa hawaasaa waliin hojjetame bu’aa qabessa ta’uu kaasaniiru.

Duullichi akka milkaa’uu qoda fuhattonni hundi gahee isaa akka bahatu waamicha dhiyeessuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Pireezidaantiin Naannichaa aadde Alamituu Umood gamasaaniin, naannichatti dhibeen Koleeraa baatii Guraandhala, 2017 bifa weeraraan mudachuu ibsaniiru.

Hojii hanga ammaatti qooda fudhattoota waliin hojjetameen tattamsa’iina dhibichaa ittisuun danda’amuu himaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.