Naannoo Tigraayitti adda cite kan ture leenjiin haaromsaa hidhattoota duraanii irra deebiin eegale
Finfinnee, Ebla 9, 2017 (FMC)-Naannoo Tigraayitti adda cite kan ture leenjiin haaromsaafi deebisanii dhaabuu hidhattoota duraanii irra deebiin eegale.
Taajjabdoonniifi bakka buutonni Gamtaa Afrikaafi dhaabbilee idil-addunyaa adeemsa leenjiifi deebisanii dhaabuu hidhattoota duraanii naannichaa daawwataniiru.
Daawwannicharratti Komishinara Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa Tamasgeen Xilaahuun, Hogganaa Biiroo Nageenyaafi Tasgabbii Bulchiinsa Yeroo naannichaa Leetenaal Jeneraal Fissahaa Kidaanuu, Gamtaa Afrikaatti Hogganaa Jila Ergama To’annoo, Mirkaneessaafi Kabachiisa Waliigaltee Priitooriyaa Meejer Jeneraal Saamaad Alaadeefi bakka buutonni dhaabbilee idil-addunyaafi biyyootaa argamaniiru.
Naannichatti leenjiin haaromsaafi deebisanii dhaabuu hidhattoota duraanii adda cite kan ture yoo ta’u guyyaa har’aa Giddugala Diimobilaayizeeshinii Maqaleetti irra deebiin eegaluu TOI gabaaseera.