Naannoon Amaaraa Konfiraansii nageenyaa itti aanuu akka qopheessu filatame
Finfinnee, Ebla 1 , 2017 (FMC) – Naannoon Amaaraa Konfiraansii Nageenyaa bara dhufuu akka qopheessu filatameera.
Konfiraansiin Nageenyaa guyyoottan lamaaf Naannoo Oromiyaa magaalaa Jimmatti gaggeeffamaa ture xumurameera.
Gumiin Dhaabbiilee Amantaalee Naannoo Oromiyaa konfiraansii nageenyaa mata duree “ Dhaabbiilee Amantaa nageenyaa fi araaraaf” jedhuun qopheesse ture xumurameera.
Haaluma kanaan Gumichi Waancaa qopheessummaa isaa Naannoo Amaaraaf dabarseera.
Waancicha Bakka Butoonni dhaabbilee Amantaalee Naannoo Amaaraa Ministir Deetaa Ministeera Nageenyaa Dooktar Keyiraddiin Tazarraa harka fudhaniiru.
Abdurrahmaan Mahaammaditu gabaase.