Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Kibbaa Lixa Itiyoophiyaa sirreeffamtoota seeraa kuma 1 fi 216’f dhiifama taasise

Finfinnee, Ebla 8, 2017 (FMC) – Naannoon Kibbaa Lixaa Itiyoophiyaa Ayyaana Sooma Hiikaa sababeeffachuun sirreeffamtoota seeraa kuma 1 fi 216 dhiifama taasiseera.

Namoota dhiifamni taasiifameef keessaa 33 dubartoota ta’uu ragaan Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Sirreeffamtoota seeraa turtii mana amala sirreessaa keessatti namuusa gaarii agarsiisanii fi ulaagaa dhiifamaa guutuu isaanii boordii dhiifamaan mirkanaa’ee dhiyaateef dhiifamni godhamuu ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.