Fana: At a Speed of Life!

Nageenya Daandii Baaburaa Itiyoo-Jibuutirratti hawaasa naannawichaa waliin mariin gaggeeffame

Finfinnee, Ebla 1 , 2017 (FMC) – Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen Naannoo Afaar Awaash 7 tti argamuun nageenya daandii Baaburaa Itiyoo-Jibuutirratti hawaasa naannawichaa waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin, keessattuu yeroo dhihoo as hannaa fi miidhaa sarara elektirikii irra gahanirratti akkaataa rakkicha furuun danda’amurratti mariin gaggeeffameera.

Maricharratti Dooktar Alamuu Simee dabalatee Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Walda Aksiyoona Daandii Baaburaa Itiyoo-Jibuutii Injiinar Taakkalaa Uumaa fi kutaaleen hawaasaa biroon argamaniiru.

Dooktar Alamuun, rakkoolee daandii baaburichaa irratti mul’atan furuufi humna guutuun fayyadamuun akka danda’amuuf qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjechuu barbaachisa jedhan .

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.