Namni beelladota Birrii miiliyoona 1.5 olitti tilmaamaman saame hidhaa cimaa waggaa 20’n akka adabamu itti murtaa’e
Finfinnee, Guraandhala 7, 2017 (FMC)-Namichi meeshaa waraanaan sodaachisuun beellaadoota Birrii miiliyoona 1.5 olitti tilmaamaman saame hidhaa cimaa waggaa 20’n akka adabamu Manni Murtii Olaanaa Godina Shawaa Kaabaa itti murteesse.
Himataamaan Damissawu Taaddasaa Mallee jedhamu Amajjii 11, 2016 Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Darraatti, qabeenyaa kan isaa hintaaneen badhaadhuuf, waahillaan isaa yeroof hinto’atamne waliin ta’uun, tiksee meeshaa waraanaan doorsisuun naannawichaa akka baqatan taasisuun, qabeenyaa qonnaan bultoota shanii kan ta’anii fi Birrii miiliyoona 1 fi kuma 500 fi kuma 91’tti tilmaaman, loowwan 34, hoolota 49 fi harroota 3 ooffatee miliquun eerameera.
Haaluma kanaan Mannii Murtii Godina Shawaa Kaabaa Dhaddacha ooleen himatamaarratti ragaa qorannoo dhiyaatee bu’ureffachuun hidhaa cimaa waggaa 20’n akka adabamuu itti murteesseera.
Taarik Addunyaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia