Fana: At a Speed of Life!

Namoonni dhuunfaa fi Waldaaleen mana jireenyaa ashaaraa qubaa kennuu qabu – Bulchiinsa Magaalaa Shaggar

Finfinnee, Bitootessa 2, 2017 (FMC) – Namooti dhunfaas ta’e waldaaleen mannen jireenyaa ashaaraa qubaa kennuu akka qaban Bulchinsi Magaalaa Shaggar hubachiise.

Namootni dhuunfaas ta’e waldaaleen manneen jireenyaa ashaaraa qubaa kennuu akka qaban Bulchinsi Magaalaa Shaggar irra deebiin dhaameera.

Alseerummaa waldaa manneen jireenyaa keessa ture ittisuuf bulchinsi magaalichaa abbootii waldaa mana jireenyaa ashaaraa qubaa kennisiisaa tureera jedhan itti gaafatamtuun Waajjira Misoomaa, Bulchinsaa fi Daddabarsa Manneenii Magalichaa Aaddee Masarat Abbaabaa.

Aaddee Masarat Addatti turtii Faanaa Miidiyaa korporeeshin waliin taasisaniin hojii hanga yoonaatti hojjetameen namoonni kuma 18 ashaaraa qubaa kennuu himaniiru.

Guutumaan guutuutti hojmaaticha karaa jedhameen hojiirra oolchuuf ammas namoota muraasa biratti harcaatiin mul’ataa jira jedhaniiru.

Kanaafis namooti muraasni fedha dhabuu, gariin biyya keessa jiraachuu dhabuu fi waldaalee fi namoota tokko tokko biratti lafa karaa seeraan alaa namoota birootiif dabarsuun sababa ta’uu dubbataniiru.

Namni dhuunfaadhaan mana jireenyaa hedduu qabaachuu danda’a kan jedhan Aaddee Masarat, waldaa mana jireenyaa keessatti hammatamuuf garuu carraan tokko qofti jiraachuu kaasan.

Alseerummaa waldaalee mana jireenyaa kanneen keessa turan hambisuuf hojmaatichi hojiirra oolaa jiraachuu addatti Faanaa Miidiyaa Korpooreeshinitti himaniiru.

Bulchinsa Magaalaa Shaggaritti, namoota kuma 27 waldaalee manneen jireenyaa qaban keessaa hanga ammaatti namoonni kuma 18 Ashaaraa qubaa kennuu  Aadde Masarat himaniiru.

Waliin gahiinsa manneen jireenyaa hawaasa magaalichaaf Bulchinsi Magaalaa Shaggar xiyyeeffannoo kennee hojjetaa akka jirus eeraniiru.

Gammachuu Beekumaatu gabaasee

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.