Fana: At a Speed of Life!

Obbo Adam Faaraah Bakka Bu’aa RNI Pirofeesar Mahaammad Saadiik waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 22, 2017 (FMC)-Sadarka Ministira Muummee Itti Aanaatti Itti Gaafatamaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii fi Pireezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhadhinaa Obbo Adam Faaraah Bakka Bu’aa Paartii Moorookoo “National Rally Of Independence” (RNI) Pirofeesar Mahaammad Saadiikii waliin mari’ataniiru.

Pirofeesar Mahaammad Saadiikiin Yaa’ii 2ffaa Paartii Badhaadhinaa irratti hirmaachuuf kaleessa galgala Finfinnee galuun ni yaadatama.

Itiyoophiyaatti guddinni diinagdee akka galmaa’u, walta’iinsaa fi tokkummaa ummatootaa akka cimu, mootumman Paarti Badhaadhinaan hogganamu bu’aa qabatamaa galmeessuus kaasaniiru.

Itiyoophiyaa fi Moorokoon hariiroo yeroo dheeraa kan qaban ta’uu ibsanii, sadarkaa paartiitti walta’iinsa qaban cimsanii akka itti fufsiisa dubbataniiru.

Pirofeesar Mahaammad Saadiikii gama isaaniin, yaa’ii Paartii Badhaadhinaa irratti hirmachuuf argamuutti gammachuu itti dhaga’ame ibsanii, hariiroo yeroo dheeraa kan qaban Moorookoo fi Itiyoophiyaan dameewwan humna haareffamaa, qonnaa fi jijjiirama qabeenya qilleensaa irratti waloon akka hojjetan mirkaneessaniiru.

Walta’iinsa Kibba-Kibbaa, hariiroo gamlamee cimsuun, dameewwan qabeenya uumamaa fi kanneen biroorraatti ni hojjenna jechuu isaanii TOI gabaaseera.

Fuuldurattis, Paartiin Badhaadhinaa Moorookootti daawwannaa hojii akka taasisuu afeeruun, walta’iinsa akka paartiitti jiru cimsanii akka itti fufan ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.