Fana: At a Speed of Life!

Obbo Adam Faaraah dhimmoota waqtaawaarratti hoggantoota naannoo Amaaraa waliin mari’achuuf Bahirdaar galan

Finfinnee, Mudde 11, 2017 (FMC) –Pireezidaantiin Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah dhimmoota waqtaawaa garagaraarratti hoggantoota naannoo Amaaraa waliin mari’achuuf magaalaa Bahirdaar galaniiru.

Pireezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa fi Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti Gaafatamaan giddugala Qindeessa Ijaarsaa sirna Demokiraasii Obbo Adam Faaraah waayita Buufata Xiyyaaraa Dajji Azmaachi Balaay Zallaqaa gahan hoggantoota olaanoo naannichaan simatamaniiru.

Obbo Adam Faaraahiin turtii isaaniin dhimmoota nageenyaa, misoomaa fi kanneen biroorratti hoggantoota naannichaa waliin marii ni taasiisuun kan eegamu ta’uu AMC gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.