Obbo Adam Faaraah ergaa baga geessanii dabarsan
Finfinnee, Ebla 11, 2017(FMC) – Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti Gaafatamaan Giddugala Qindessa IJaarsa sirna Diimookiraasii fi Pireezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraahiin ayyaana yaadannoo Iyyesuus Kiristoos sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan iiru.
Ummata Itiyoophiyaa maraan gaba ayyaana du’aa ka’uu Iyyesuus Kiristoos nagaan geessan jedhaniiru.
Wayita ayyaannichi kabajamu kan deeggarsa barbaadaan gargaaraa, kan daaromanitti uwwisaa, kan beela’an nyaachisaa, kan dheebotan dheebuu baasaa haala namoomummaa giddugaleeffatee fi aadaa gaarii Itiyoophiyummaan kabajuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Keessattuu hoggantoonni,miseensonnii fi deeggartoonni Paartii Badhaadhinaa sadarkaan jiran gochaa namarratti xiyyeeffate Paartiin Badhaadhinaa raawwachaa jiru caalmaatti babal’isuun akka kabajan gaafataniiru.
Ayyaanichi kan jaalalaa, gaarummaa, tokkummaa, nageenyaa, fayyaa fi badhaadhinaa akka ta’u hawwaniiru.
#Oromia #Ethiopia