Fana: At a Speed of Life!

Obbo Adam Faaraah Kantiibaa Magaalaa Viiler Baan waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 27, 2017 (FMC)- Sadarkaa Ministiraa Muummee Itti Aanaatti Itti Gaafatamaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii fi Pireezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah Kantibaa Magaalaa Viiler Baan Faaransay Seedirik Vaan Istiivaandeel waliin mari’atan.

Obbo Adam marii isaaniin Magaalaan Viiler Baanii fi Dirree Dhawaan magaalota obbolaa waliigaltee mallatteesuun waliin hojjechaa jiran ta’uu kaasanii, walta’iinsi kunis hariiroo Itiyoophiyaa fi Faransaay cimsuu keessatti gumaacha olaanaa qaba jedhan.

Itiyoophiyaatti hojiilee misoomaa gaggeeffamaa jiran akka milkaa’aniif Faransaay tumsaa jiraachuu himanii, walta’iinsi geejjiba Baaburaa Itiyoo-Jibuutii fi pirojektoota misoomaa biroo agarsistuu ta’uu dubbataniiru.

Seediriik Vaan Istiivaandeel gama isaaniin, Itiyoophiyaan jijjiirama saffisaa fi diinagdeen guddina agarsiisaa jiraachuu ibsaniiru.

Kunis bu’aa hojiilee mootummaa jijjiirama Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin hoggamuun hojjetamaa jiranii ta’uu kaasaniiru.

Dabalataan walta’iinsi biyyoota lameenii dameewwan biroon jirus cimee kan itti fufu ta’uu kaasuu ragaan Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mlul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.