Fana: At a Speed of Life!

Obbo Adam Faaraah Ministira Dhimma Alaa Kuubaa waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 4, 2017 (FMC) – Sadarkaa Ministira Muummee Itti Aanaatti Itti Gaafatamaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookiraasiifi Pireezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah Ministira Ministeera Dhimma Alaa Kuubaa Biruunoo Roodriigeez waliin mari’ataniiru.

Obbo Adam Faaraah, Itiyoophiyaafi Kuubaan hariiroo cimaa qabaachuu eeruun, hariiroon dippiloomaasii biyyoota lameenii daran akka cimuuf ni hojjetama jedhan.

Kuubaan damee ijaarsa dandeettii namaan Itiyoophiyaa waliin hariiroo bu’aa qabeessa qabaachuu yaadachiisuun, Itiyoophiyaanonni kumni 4 Kuubaatti fayyadamoo carraa barnootaa ta’uu kaasaniiru.

Damee fayyaanis Kuubaan Itiyoophiyaaf deeggarsa guddaa taasisaa jiraachuu kan ibsan Obbo Adam, tumsi kun cimee itti fufuu akka qabu ibsaniiru.

Hojiileen riifoormii diinagdee Itiyoophiyaa jijjiiruu danda’an hojiirra oolaa jiraachuu kaasuun, gama Kanaan bu’aalee quubsaan argamaa jiraachuu eeraniiru.

Gama qonnaan keessumaa oomisha qamadiin galmi of danda’uu milkaa’uu eeruun, indaastirii oomishaa akkasumas ijaarsa diinagdee diijitaalaa irratti hojiilee babal’aan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Kuubaa Biruunoo Roodiriigeez gamasaaniin, hariiroo biyyoota lameenii waggoottan 50 lakkoofsise daran cimsuuf tumsi barbaachisaadha jedhan.

Gahee Itiyoophiyaan nageenyiifi tasgabbiin naannawichatti akkasumas Afrikaatti akka mirkanaa’uuf bahattu dinqisiifachuu isaanii TOI gabaaseera.

Biyyoonni lameen dameewwan diinagdee, daldalaafi invastimantiin  hariiroo isaanii daran cimsuu akka qaban eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.