Obbo Adam Faaraah Sirna Tajaajila Giddugala Tokkoo “Gaaddisa Odaa” daawwatan
Finfinnee, Amajjii 12, 2017 (FMC)- Sadarkaa Ministira Muummee Itti Aanaatti Itti Gaafatamaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii fi Pireezidaantiin Itti Aanaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah Adaamaatti Sirna Tajaajila Giddugala Tokkoo “Gaaddisa Odaa” daawwataniiru.
Giddugalichi dhaabbilee bulchiinsa magaalotaa hundaatti tajaajiloota kennaman haala walfakkaataa fi qindaa’aa ta’een giddugala tokkorraa kennuuf kan hundaa’ee ta’uu Obbo Adam ibsaniiru.
Dameewwan 29 giddugala tokkotti walitti qabuun galtee teeknooloojiin deeggarameen tajaajila saffisaa fi bu’aa qabeessaa kennuuf sirna dandeessisu ta’uu kaasaniiru.
Sirni kun dhamaatii abbootii dhimmaa hir’isuu, galii walitti qabuuf kan mijatu, dameewwan hundaan hojmaata waraqaa %80 kan hambise, iftoominaa fi itti gaafatamummaa kan mirkaneessee fi hannaa fi hojmaata badaa ittisuuf carraa olaanaa kan uume ta’uu ibsaniiru.
Bulchiinsi magaalichaa dhaabbilee sadarkaa Magaalattiitti argaman giddugala tokkotti fiduu cinaatti dhaabbilee Kutaa Magaalaa fi Aanaa giddugala tokkorraa akka hojjetan jajjabeessuu fi bulchiinsa magaalotaa biroof muuxannoo kan ta’uudha jedhan.
Dabalataan bara darbe magaalichatti lafa guutummatti teeknooloojii kaadaastaraan dijitaalessuuf hojiileen hojjetaman, nageenya lammiilee mirkaneessuuf diriirsi Sirna Kaameeraa CCTV, muuxannoo gaarii ta’uun hojiirra akka oolu Paartiin badhaadhinaa xiyyeeffannaa kennuun kan hojjetu ta’uu himaniiru.
#Oromia #Ethiopia