Fana: At a Speed of Life!

Obbo Aganyehu Tashaagar Af-yaa’ii Mana Maree Federeeshinii Raashiyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Guraandhala 12, 2017 (FMC) – Af yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyehu Tashaagar jila Af-yaa’ii Mana Maree Federeeshinii Raashiyaa Vaalantiinaa Maativiiyeenkooniin durfamu waliin mari’ataniiru.

Itiyoophiyaa fi Raashiyaan hariiroo aadaa fi seenaa yeroo dheeraa akka qaban kan dubbatan Obbo Aganyehu, hariiroon kun yeroo gara yerootti guddachaa dhufuu ibsaniiru.

Mootummaan Itiyoophiyaa hariiroo tarsiimawaa biyyoota lamaanii jabeessuuf qophaa’aa ta’us mirkaneessaniiru.

Jilli daawwannaa hojiif Finfinnee dhufe kun Ministira Muummee Abiy Ahimad wajjin mar’achuun isaa ni yaadatama.

Manneen Maree lamaanis sanada waliigaltee walii mallatteessanii turan.

Salamoon Bayyanaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.