Fana: At a Speed of Life!

Obbo Ahimad Shideen Hoggantoota Olaanoo Baankii Bu’uuraalee Misoomaa fi Invastimantii Eeshiyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 14, 2017 (FMC) – Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen Hoggantoota Olaanoo Baankii Bu’uuraalee Misoomaa fi Invastimantii Eeshiyaa waliin mari’ataniiru.

Obbo Ahimad marii isaaniin, Itiyoophiyaa haalli mijataa Invastimnatiif ta’uu jiraachuu ibsaniiru.

Piroojektoota bu’uuraalee misoomaa Mootummaan ijaaramaa jiran dabalatee hirmaannaa dameeleen dhuunfaa diinagdee keessatti qaban guddisuuf hojiilee hojjetamaa jiranis kaasaniiru.

Pireezidaantiin Baankii Bu’uuralee Misoomaa fi Invastimantii Eeshiyaa Raajaat Miisraa gamasaaniin, Daawwanaa dhiheenya Itiyoophiyaatti taasisaniin bu’uuraaalee misoomaa ijaaramaa jiran dinqisifachuu ibsaniiru.

Pireezidaantichi fuulduratti filannooowwan Invastimantii biyyaatti keessaa jiran ilaaluu kan dhufaniifi fi tumsa qaban cimsuuf kan hojjetan ta’uu mirkaneessaniiru.

Jilli Obbo Ahimad Shideen durfamu Daawwana Hojii Chaayinaatti taasisaa jiru kan itti fufe ta’uu ragaan Chaayinaatti Embaasii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.