Fana: At a Speed of Life!

Obbo Ahimad Shideen Pireezidaantii Baankii Bu’uuraalee Misoomaafi Invastimantii Eeshiyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Ebla 17, 2017 (FMC) – Jilli Ministira Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shideen durfamu walga’ii Dhaabbata Maallaqaa Addunyaafi Baankii Addunyaa 2025 cinaatti Pireezidaantii Baankii Bu’uuraalee Misoomaafi Invastimantii Eeshiyaa Jiin Liikuun waliin mari’ate.

Obbo Ahimad Shideen, pireezidaantichi Itiyoophiyaa waan daawwataniif galateeffachuun, yerichatti karoora bu’uuraalee misoomaa fi dameewwan garaagaraan Itiyoophiyaa deeggaruuf kutannoo qabaachuu ibsuu isaanii yaadachiisaniiru.

Jiin Liikuun gamasaaniin, guddina diinagdeefi hojiilee riifoormii Itiyoophiyaa dinqisiifataniiru.

Misooma Itiyoophiyaa deeggaruufi bu’a qabeessummaa piroojektiiwwan bu’uuraalee misoomaa guddisuuf deeggarsa taasisan cimsanii kan itti fufan ta’uu mirkaneessaniiru.

Deeggarsa baankichaa ariitiin sassaabuun geejjibaafi bu’uuraalee misoomaa hidhata qaban biroo maallaqaan deeggaruun tumsa baankichaafi Itiyoophiyaa cimsuuf waliigalaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.