Fana: At a Speed of Life!

Obbo Awwaluu Abdiin manneen jireenyaa lammiilee harka qalleeyyiif ijaaraman dabarsan

Finfinnee, Ebla 11, 2017(FMC) – Pireezidaantiin itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdiin ayyaana du’aa ka’uu Iyyesuus Kiristoos sababeeffachuun magaalaa Mojootti manneen jireenyaa lammiilee harka qaleeyyiif ijaarame dabarsaniiru.

Bulchiinsa Magaalaa Mojootti manneen Waajjira Qindeessaa Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaatiin ijaaramaa turan bakka Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Walitti Qabaan Mana Maree Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa Damee Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiifi Daayrektarri Olaantuun waajjirichaa aadde Qonjiit Baqqalaan argamanitti meeshaalee guutuu waliin harka qalleeyyiif dabarfamaniiru.

Akkasumas, magaalichatti Ayyaanaicha sababeeffachuun harka qalleeyyiifi qaamolee nageenyatiif deeggarsi garaagaraa taasifameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.