Obbo Awwaluu Abdiin Zoonii Diinagdee Addaa Daawwatan
Finfinnee, Guraandhala 3, 2017 (FMC) –Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin Zoonii Diinagdee Addaa daawwataniiru.
Daawwannaa isaaniin, ijaarsi misoomaawwan zooniichaa haala gaariin raawwatamaa jiraachuu ibsan.
Zoonii Dinagdee Addaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, ummata naannichaa diinagdeen cimsuu irraa darbee, zooniicha giddugala daldala Afrikaa taasisuuf hojjetamaa jiraachuun eerameera.
Ijaarsichi guddina magaalaa babal’isuun ce’uumsa gara Maanufaakchariingitti taasifamuuf gumaacha olaanaa qabaachuu ibsamuu ragaan Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naaannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia