Fana: At a Speed of Life!

Obbo Geetuun Aanaa Beddelleetti hojii misooma baala shaayii halkan hojjetamaa jiru daawwatan

Finfinnee, Amajjii 14, 2017 (FMC) – Hoggaanaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Beddelleetti hojii misooma baala shaayii halkan hojjetamaa jiru daawwataniiru.

Aanichatti Inisheetivii Misoomaa baala Shaayii qabame milkeessuuf hawaasnii halkaaniif guyyaa duulaan hojjechaa jiraachuun ibsameera.

Hogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun buufata ganda Ilkee Qararootti argamuun hojii misooma Baala shaayii kana daawwataniiru.

Kutannoon hawaasa bira jiru gaarii ta’uu Obbo Geetuun ibsaniiru.

Lalisee Tasfaayeetu gabaase.

#Oromiyaa #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.