Obbo Tamasgeen Xurunaan Bishooftuutti Warshaa Oomisha Sibiilaa daawwatan
Finfinnee, Mudde 10, 2017 (FMC)- Ministirri Muummee Itti Aanaa Tamasgeen Xurunaan Magaalaa Bishooftuutti Warshaa Oomishaa Sibiila (STEELY RMI) daawwataniiru.
Obbo Tamasgeen Xurunaan akka jedhanitti warshichi hojmaataa dijitaalawaa fi anniisaa haareffamaa fayyadamuun sibiilota duraan gatamaa turan deebisee faayidaaf oolchaa jira.
Galtee sibiilota ijaarsa garaagaraaf oolan oomishaa jiraachuun kan dinqisiifatamu ta’uu gama miidiya hwaasummaa isaaniin himaniiru.
Warshichi oomishaa sibiilaa biyya alaarraa galan biyya keessatti oomishuun bu’aalee jajjabeessaa galmeessaa jiraachuu himaniiru.
Mootummaan liqii, bu’uuraalee misoomaa fi hojmaata mijataa uumuun dameen dhuunfaa sochoostuu guddina diinagdee ijoo akka ta’uuf hojiileen eegalaman kan itti fufan ta’uu akeekaniiru.
#Oromia #Ethiopia