Obbolummaa fi tokkummaa sabdaneessaa cimsuuf hundi gahee isaa bahuu qaba – Obbo Musxafee Mahaammad
Finfinnee, Bitootessa 1, 2017 (FMC) – Obbolummaa fi tokkummaa sabdaneessaa cimsuuf hundi gahee isaa bahuu akka qabu Pireezidaantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad ibsan.
Sagantaan Afxiraa guddaan obbolummaa Ummataa Afaarii fi Somaalee har’a galgala Magaalaa Jigjigaatti gaggeeffameera.
Jijjiiramaan as damee garaagaraan milkaa’inni hedduun galmaa’uu Pireezidaanti Musxafeen saganticharratti ergaa dabarsaniin himaniiru.
Waldhabdeen ummata obboleeyyan naannoo Afaarii fi Somaalee gidduutti mudatee ture tattaaffii mootummaa Federaalaa fi naannolee lamaaniin furamuu kaasaniiru.
Yeroo itti aanu fayyadamummaa waloo biyyoota lamaanii cimsuuf xiyyeeffannoon hojjetama jedhan.
Obbolummaa fi tokkummaa sabdaneessaa cimsuuf hundi gahee isaa bahuu akka qabu dhaamaniiru.
Taarikuu Laggaseetu gabaase.
#Oromia #Ityoophiyaa