Fana: At a Speed of Life!

Odeeffannoo sobaa qolachuuf odeeffannoo dhugaa  waliin gahuu barbaachisa jedhame

Finfinnee, Guraandhala 30, 2017(FMC) – Dameen miidiyaafi Kominikeeshinii odeeffannoo qindaa’aa fi walsimu waliin gahuu akka danda’uuf deeggarsiifi hordoffiin taasifamaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.

Gamaaggamni raawwii baatiiwwan jahan darbanii Damee Miidiyaafi Kominikeeshinii bakka hoggantoonni dhaabbilee miidiyaafi kominikeeshinii federaalaafi naannolee argamanitti magaalaa Adaamaatti gaggeeffameera.

Waltajjichaan ibsi odeeffannoo qindaa’aafi walsimu waliin gahuu dandeessisu miidiyaaleef taasifamuufii Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Tasfaahun Goobazaay eeraniiru.

Damichi tokkummaa sabdaneessummaa cimsuufi seenessa biyyaalessaa ijaaruu keessatti gahee olaanaa akka bahatuuf deeggarsiifi hordoffiin taasifamaa jira jedhaniiru.

Damichi dandeettii isaa daran cimsuu akka qabu hubachiisuun, odeeffannoo sobaa qolachuuf odeeffannoo dhugaa ta’e waliin gahuurratti xiyyeeffatamuu akka qabu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.