Omishni Albuuda Warqee Naannicharraa Baankii biyyaalessaaf dhiyaatu fooyya’uun himame
Finfinnee, Guraandhala 10, 2017 (FMC)-Haaromsa Dinagdee Gooroo hordofee oomishni Albuuda Warqee Naannoo Beenishaangul Gumuz irraa Baankii Biyyaalessaaf dhiyaatu fooyya’iinsi olaanaa argisiisuu Pirezidaantiin naannichaa Ashaadilii Hasan ibsan.
Obbo Ashaadilii Hasan, yaa’ii mana mare naannichaa irratti gabaasa dhiyeessaniin, qabeenyi albuudaa naanichaa gumaacha dinagdeef qabu guddisuuf mootummaan naannichaa deggeraa fi hordofaa jiraachuu dubbataniiru.
Walakaa bara baajetaa 2017’tti omishtoota Albuuda Warqee aadaa fi xixiqqaa akkasumas dhaabbilee adda addaan Warqeen kuntaala 22 caalu Baankii Biyyaalessaaf dhiyaachuu ibsaniiru.
Gatiin Warqee fooyya’iinsa dinagdee gooroo booda dabaluu hordofee hammi Warqee karaa seeraan alaan ba’aa ture hir’achuus dubbataniiru.
Kun ammo hamma Warqee Baankii Biyyaalessaaf naannicharraa dhiyaati sadarkaa olaanaan gooyyesseera jedhan.
Dabalataan, ji’oottan ja’an darban keessa Dhagaa Marbilii meetir kuubiin 948 fi dhagaan cilee tooniin kuma 34 fi 253 oomishamuu Obbo Ashaadiliin dubbachuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaa irraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia