Oomishaa fi oomishtummaa Qamadii dabaluuf deeggarsi Teeknooloojii qonnaa taasiifamaa jira jedhame
Finfinnee, Guraandhala 13, 2017 (FMC) – Oomishaa fi omishtummaa Qamadii dabaluuf qonnaan bultoonni teeknooloojjiitti akka fayyadaman deeggarsa kennaa jiraachuu Giddu Galli Qorannoo Qonnaa Jimmaa beeksiseera.
Giddu galeessichi oomishaa fi oomishtummaa qamadii guddisuuf kallattii akka biyyaatti qabame milkeessuuf qonnaan bultootaaf teeknooloojii qonnaa haarawaa dhiyeessaa jiraachuunis himammera.
Daayrekterri Giddu Gala Qorannoo Qonnaa Jimmaa Obbo Lammii Beeksisaa giddu galichi hojiilee hedduun qonnaan bultoota deeggaraa akka jiru ibsuun, Itti fayyadama bishaan jallisii, gabbisa biyyee fi kunuunsa qamadii irratti Aanaalee Qarsaa, Dedoo fi Saqqaa Coqorsaa keessatti qonnaan bultoota deeggaraa jiraachuu eeraniiru.
Godina Jimmaa Aanaa Qarsaattis qonnaan bultoonni deeggarsa teeknooloojii galeessicharraa argatanitti fayyadamanii qamadii jallisii bonee miosoomsuun oomisha gaarii eeggataa akka jiran dubbataniiiru.
Haaluma kanaan akka Aanaa Qarsaatti qamadiin lafa hektaara kuma 42 fi 700 ol irratti misoomaa jiru deeggersa giddugaleessichaan kunuuunfamaa jiraachuu bulchaan aanichaa Obbo Abdulhaamid A/Faajjii ibsaniiru.
Muktaar Tamaamtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia