Oomishaalee seeraan alaa Birrii miiliyoona 300 fi miiliyoona 38 baasan to’ataman
Finfinnee, Ebla 2, 2017 (FMC) – Torbee darbe keessa to’annoo fi hordoffii taasifameen oomishaaleen seeraan alaa kuufaman Birrii miiliyoona 300 fi miiliyoona 38 baasan to’atamuu Abbaan Taayitaa Nyaataa fi Qorichaa Itiyoophiyaa beeksise.
Magaalaa Adaamaa fi Finfinneetti Abbaan Taayitichaa, Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa, Poolisiin Federaalaa, Komishininiin Gumrukaa fi qooda fudhattoomnni biroo to’annoo fi hordoffii qindoominaan gaggeessaniin oomishaaleen kunneen to’atamuu ibseera.
Qorichaaleen fayyummaan isaanii hin mirkanoofnee fi sadarkaa gadi ta’aan gabaa keessa seenuuf turan to’atamuu fi oomishaaleen kunneen miidhaa hawaasummaa diinagdee cimaa qaqqabsiisuu kan danda’an ta’uu Daayrektarri Itti aanaan Abbaa taayitichaa Obbo Siyyuum Walduun himaniiru.
Qorichaaleen kunneen hanga miidhaa lubbuu qaqabsiisuu kan danda’aniidha jedhan.
Dhimmichaan walqabatee namoonni dhuunfaan 19 to’atamuun qoratamaa jiraachuu ibsaniiru.
Sa’aadaa Getaachootu gabaase.
#Oromia #Ethiopia