Oonaanaan tapha har’a taphatamuun ala ta’e
Finfinnee, Ebla 5, 2017 (FMC) – Andiree Oonaanaan tapha har’a galgala Niwukaasil Yuunaayitid, Maanchistar Yuunaayitidiin sa’aatii 12:30 keessumeessuun ala ta’e.
Tapha Liigii Awurooppaan dogoggoroota Oonaanaan uumeen gooliiwwan galaniin Maanchistar Yuunaayitid, Liyoon waliin galchii 2 qixa bahuu BBCn yaadachiiseera.
Oonaanaan dogoggora uumaa tureen kilabicha qabxii dhabsiisaa jira jechuun qeeqamaa tureera.
Lammii Turkii kan ta’e Altaay Baayindiir tapha har’a galgalaarratti bakka Oonaanaa bu’uun Maanchistar Yuunaayitidiif karra ni eegaan eegama.
#Oromia #Ethiopia