Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti baatiiwwan 9 darban hojii barbaaddota miiliyoona 1 fi kuma 900 oliif carraan hojii uumame

Finfinnee, Ebla 3, 2017(FMC)- Naannoo Oromiyaatti baatiiwwan 9 darban hojii barbaaddota miiliyoona 1 fi kuma 900 fi kuma 45  oliif carraan hojii uumamuu Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa beeksise.

Naannichatti carraa hojii ogummaan hogganamuufi walitti fufiinsa qabu uumuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Hogganaa Itti aanaan biirichaa obbo Waasihuun Golgaa ibsaniiru.

Baatiiwwan 9 darbanitti hojii barbaaddota miiliyoona 1 fi kuma 900 fi kuma 45 oliif carraan hojii dhaabbiin uumamuu ibsameera.

Dabalataanis humna namaa gahoome horachuuf leenjitoota haaraafi buleeyyii kuma 200 fi kuma 40’f leenjiin kennamaa jiraachuun eerameera.

Hojii barbaaddota miiliyoona 2 fi kuma 300 oliif leenjii gaggabaaboo kennuun gara hojiitti akka galan taasfamuus ibsameera.

Lafti heektaarri kumni 65 ol, sheediiwwan kumni 5 fi 702 fi liqaa Birriin biiliyoonni 5 fi miiliyoonni 800 ol intarpiraayizootaaf kennamuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.