Oromiyaatti Guyyaa Dubartootaa Idil Addunyaa sababeeffachuun Sosochiin baatii tokkoof turu eegale
Finfinnee, Guraandhala 10, 2017 (FMC)-Naannoo Oromiyaatti Guyyaa Dubartootaa Idil Addunyaa sababeeffachuun Sosochiin baatii tokkoof turu eegaleera.
Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaa guyyaa dubartootaa sababeeffachuun sosochii baatii tokkoof turu eegalchiiseera.
Sadarkaa Addunyaatti marsaa 114ffaaf sadarkaa Biyyaalessaatti marsaa 47ffaaf kabajamu sababeeffachuun sosochiin ji’a tokkoof turu eegalamuu Hoggantuun Biirichaa Aadde Mabraat Baacaa ibsa miidiyaaleef kennaniin himaniiru.
Sosochiin taasifamuus torban torbaniin qoqqoduun mataduree fayyadamummaa fi mirga dubartootaa kabachiisan irratti xiyyeeffachuun kutaalee hawaasaa garaa garaa hirmaachisuun kan gaggeeffamu ta’uu dubbataniiru.
Biirichi ji’oottan jahan darbanitti miidhaa dubartootaa fi Daa’immanii xiqqeessuuf qaamolee hawaasaa, seektaroota naannoo, Hoggantoota godinaalee fi magaaloota fi dubartoota waliigala hawaasa Miiliyoona 6.7 hubannoon uumamu ta’uu ibsaniiru.
Hubannoo uumameenis hawaasa jijjiiramni mul’achaa jiraachuu dubbachuu isaanii ragaan Biiroo Kominkeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia