Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti hidhattoota waamicha nagaa hin fudhanneerratti tarkaanfiin fudhatamaa jira – BKO

Finfinnee, Bitootessa 30, 2017 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti hidhattoota waamicha nagaa hin fudhanneerratti tarkaanfii fudhatamaa jiruun nageenyi waara’aa jiraachuu Biiroon Kominikeeshinii naannichaa beeksiise.

Naannichatti hidhattoota waamicha nageenyaa fudhatan simachuun cinaatti kanneen waamicha nageenyaa hin fudhannerratti ammoo tarkaanfii olaantummaa seeraa mirkaneessuu fudhatamaa jiruun nageenyi waara’aa jiraachuu Hogganaan biirichaa obbo Hayiluu Addunyaan ibsaniiru.

Piroojektoonni sababa rakkoo nageenyaan adda citanii turan irra deebiin hojjetamuu eegaluu fi ummanni naannichaa humna guutuun hojiilee misoomarratti akka hirmaataan carraan uumamuu dubbataniiru.

Gurmaa’insa haaraan sadarkaa gandaatti hojiirra oole nageenya waareessuu keessatti gumaacha olaanaa gumaachuu eeraniiru.

Bara baajataa kana naannichatti hojiilee bu’uuraalee misoomaa diriirsuu, misooma hawaasummaa, tajaajilli kenniinsa haqaa fi hojiin galii walitti qabuu milkaa’ina qabu hojjetamuu kaasaniiru.

Mootummaan naannichaa karri nageenyaaf bane bu’aa olaanaa argamsiisuu himuun, hidhattoonni hedduun karaa nagaan galan leenjii haaromsaa fudhachaa jiraachuu dubbataniiru.

Leenjii haaromsaa erga fudhatanii booda carraan hojii uumamaafii jiraachuus eeraniiru.

Gariin ammoo caasaa mootummaa keessatti akka hirmaatan taasiifamuus himaniiru.

Tarkaanfii olaantummaa seeraa mirkaneessuu fudhatamaa jiruun Godinaalee Shawaa Kaabaa, Lixaa, Bahaa, akkasumas Wallagga Bahaa fi Lixaatti nageenyi waara’aa jiraachuu obbo Hayiluun ibsaniiru.

Ammaas karri mootummaa nageenyaaf banaa ta’uu mirkaneessuun, ummanni tattaaffii nageenya waaressuuf taasifamaa jiruuf tumsa taasisu cimsee akka itti fufu gaafachuun TOI gabaasera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.