Oromiyaatti hojiin ramaddii sadarkaa Hoteelotaa irra deebiin eegalame
Finfinnee, Ebla 2, 2017 (FMC) – Ministeerri Tuurizimii Oromiyaatti hojii madaallii sadarkaa Hoteelotaa irra deebiin eegalchiiseera.
Hojiin madaallii sadarkaa kun bara 2007 as isa jalqabaa ta’uu Ministeera Tuurizimiitti dursaan garee mirkaneessa ga’umsaa fi ramaddii sadarkaa Taarikuu Damisseen eeraniiru.
Adeemsi Hojii madaallichaa akkaataa hojmaataan karaa haqa qabeessaa fi amanamaa ta’een kan raawwatamu ta’a jedhan.
Hojichi qaamolee dhimmi ilaallatuu fi waldaalee ogummaa taajjabdummaan kan hirmaachisu akka ta’e kaasaniiru.
Hojiin madaallii sadarkaa kun irra deebiin eegalamuun Hoteelonni sadarkaa tajaajilaa akka fooyyessan qooda qabaachuu Komishinarri Itti aantuun Komishinii Tuurizimii Oromiyaa Dooktar Mitikkee Bihoonilinyi himuu ragaan Ministeera Tuurizimiirraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia