Oromiyaatti misooma jallisii kuduraan lafti hektaarri kumni 400 ol misoome- BQO
Finfinnee, Bitootessa 9, 2017(FMC) – Naannoo Oromiyaatti misooma jallisii kuduraan lafti hektaarri kumni 400 ol misoomuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.
Naannichatti misooma jallisii kuduraa marsaa jalqabaan lafa heektaara kuma 300 fi kuma 98 fi 262 misoomsuuf karoorfamee lafti heektaarri kumni 400 fi 300 misoomuun eerameera.
Misoomni jallisii kuduraa kun oomisha kuntaala miiliyoona 70 ol akka argamsiisuuf hojjetamaa jiraachuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia