Oromiyaatti oomisha mi’eessituuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira jedhame
Finfinnee, Ebla 3, 2017(FMC)- Naannoo Oromiyaatti oomisha mi’eessituuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuun ibsameera.
Naannichatti hanga bara 2010’tti uwwisni misooma mi’eessituu lafa hektaara kuma 77 irratti misoomaa kan tureefi callaan argamus naannoo kuntaala miiliyoona 1.25 ta’uu yaadachiifameera.
Misoomni mi’eessituu, akka inisheetiviitti yeroo duraatiif bara 2016, gosa mi’eesituu roozimeeriin jalqabus ibsameera.
Hanga bara 2016’tti uwwisa misooma mi’eessituu dachaa sadii oliin, akkasumas callaa mi’eessituu dachaa shanii oliin dabaluun danda’amuu ragaan Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
Baay’ina omishaalee al-ergii waggaadhaa gara waggaatti guddisaa deemuu keessatti gaheen oomisha mi’eesituu olaanaa akka tures eerameera.
Gosoota mi’eesituu barbaree, abasuuda gurrachaafi zinjibiilaaf inisheetiviin bocamee bara kana hojiitti galamuun ibsameera.
Mootummaan waggoota sadan dhufanitti misooma mi’eessituu babaldhisuun, uwwisa lafaa inisheetivichaafi oomisha argamu dachaa hedduun guddisuuf karoorsee socho’uu irratti argama jedhameera.