Oromiyaatti sosochiin Hidha Haaromsaa guddicha Itiyoophiyaaf Birrii miiliyoona 500 walitti qabu gaggeeffamaa jiraachuun ibsame
Finfinnee, Ebla 8, 2017 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti Sosochiin Hidha Haaromsaa guddicha Itiyoophiyaaf Birrii miiliyoona 500 walitti qabuuf kayyeeffate gaggeeffamaa jiraachuun ibsame
Hidhi Haaromsaa guddicha Itiyoophiyaa ashaaraa dhaloota har’aa fi mindaa dhaloota egeree mallattoo injifannoo uummattoota Itiyoophiyaa ta’e xumuruuf sosochiin bittaa boondii geggeeffamaa jira.
Haaluma kanaan guyyaa har’aa Koochoon Dubartootaa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Magaalaa Adaamaattii sosochii jalqabsiisa bittaa boondii geggeessuu ragaan BKO irra argame ni mul’isa.
.