Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti Xaa’oo kuntaala miiliyoona 11 fi kuma 400  dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Ebla 7, 2017 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti xaa’oo bara oomishaa 2017/18’f oolu kuntaala miiliyoona 11 fi kuma 400  dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu Ejensiin Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa beeksise.

Hogganaan ejensichaa obbo Jamaal Kadir turtii FMC waliin taasisaniin, xiyyeeffannoo mootummaan  dhiyeessii xaa’oof kennee hojjechaa tureen xaa’oo bule dabalatee kuntaala miiliyoona 11 fi kuma 4 dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu dubbatan.

Hanga yoonaattis xaa’oon kuntaalli miiliyoonni 5 fi kumni 200  waldaalee bu’uuraaf dhiyaachuun  qonnaan bulaan akka bitatu taasifamaa jira jedhan.

Qonnaan bulaan gatii xaa’oon akka hin miidhamneef deeggarsa Birrii biiliyoona 32 fi miiliyoona 800 taasisuu ibsuun, kuntaalarratti deeggarsa Birrii kuma 3 fi 700 taasisuu kaasaniiru.

Xaa’oon bitamee qonnaan bulaa bira dafee akka qaqqabuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Bittaafi gurgurtaan xaa’oo karaa diijitaalaa raawwatamuun alseerummaa waggoottan darban keessatti mudataa ture furuu himaniiru.

Haa ta’uu malee bakkeewwan tokkoo tokkootti qonnaan bulaan xaa’oo akka barbaadeetti akka hin arganneef qaamoleen sadarkaa sadarkaan jiran yeroo isaan sababaa garaagaraan qonnaan bulaa deddeebisan bira geenyeerra jedhan.

Qaamni kam iyyuu xaa’oo gabaa keessatti gurguruus ta’e bituu akka hindandeenye kaasanii, kun yoo raawwatame tarkaanfii seeraafi bulchinsaa akka hordofsiisuu hubachiisaniiru.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.