Fana: At a Speed of Life!

Paarkichatti Abbootiin qabeenyaa 10 hanga xumura bara baajata 2017 tti gara oomishaatti galu jedhame

Finfinnee, Guraandhala 25, 2017 (FMC) -Hanga xumura bara baajatichaatti Abbootiin qabeenyaa 10’n Paarkii Indaastirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaatti oomisha kan eegalan ta’uu Korpooreeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Oromiyaa beeksise.

Paarkichi bu’uuraalee misoomaa guutachuun abbootii qabeenyaa bal’inaan simachaa jiraachuu Hojii Raawwachiistuu Olaantuun Koorporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Oromiyaa Sannayiit Mabreen ibsan.

Paarkichi Abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi alaa oomishaalee qonnaa qindeessuun gabaa alaa fi biyyaa keessaaf dhiyeessan simachaa jiraachuus himaniiru.

Paarkiin Indaastirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaa hanga ammaatti Abbootii qabeenyaa 43 ol simachuun gara oomishaatti akka ce’aniif deeggarsa kennaa jiraachuu ibsaniiru.

Kanneen yaalii oomishaa eegalanis jiraachuu ibsuun, Abbootiin qabeenyaa 10 immoo hanga xumura bara baajatichaatti gara oomishaatti kan galan ta’uu himaniiru.

Paarkichi humna guutuun wayita gara oomishaatti galu lammiilee kuma 300 oliif carraa hojii kan uumu ta’u himuun, hanga ammaattis lammiilee kuma tokkoo oliif carraan hojii uumamuu ibsuuTOI gabaaseera.#Oromia #Ethiopia12:27

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.