Paartichi waadaa ummataaf gale raawwachuun bu’aa jajjabeessaa galmeessisaa jira – Obbo Geetuu Wayyeessaa
Finfinnee, Amajjii 16, 2017 (FMC) – Paartiin Badhaadhinaa waadaa ummataaf gale raawwachuun bu’aa jajjabeessaa galmeessisaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Naannoo Hararii Obbo Geetuu Wayyeessaa ibsan.
Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhina damee Naannoo Hararii Obbo Geetuu Wayyeessaan Paartiin Badhaadhinaa waadaa kora isaa jalqabaa irratti gale hojiitti hiikuuf ciminaan hojjechaa kan jiru ta’uu ibsaniiru.
Dhaabni kun erga hundeeffamee kaasee hirmaannaa haqa qabeessaa fi fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf, jijjiirama hunda galeessa biyyattii keessatti galmeessisuuf, akkasumas Itiyoophiyaan mallattoo badhaadhina Afrikaa akka taatuuf mul’ataa fi aadaa hojii haaraatiin hojjechaa akka ture ibsaniiru.
Itti dabaluunis, keessumaa yaadota dulloomoo turan irraa fagaachuun, yaadota siyaasaa haaraa hunda hammatee fi hirmaachisaa ta’ee fi jijjiirama qabatamaa fide hojiirra oolcheeraas kaasan.
Hojiiwwan misoomaa ummata giddu galeessa godhate irratti xiyyeeffachuunis fayyadamummaa dinagdee hawaasichaa mirkaneessuun akka danda’ames himan.
Yaadni siyaasaa Ida’amuu hunda hammatee fi hirmaachisaa ta’e naannicha keessatti uumames, hawaasicha abbaa nagaa fi misoomaa gochuun hojiin hojjetame hojiiwwan misoomaaf haala mijataa akka uumes eeraniiru.
Kunis pirojektoota naannicha keessatti saffisaa fi qulqullina fooyaa’aa ta’een xumuramanii uummatichi fayyadamaa misoomaa akka ta’uu gargaaruu isaas hubachiisaniiru.
Keessattuu damee turizimii irratti xiyyeeffachuun, kan naannichi ittiin beekamu, iddoo hambaa addunyaa Jagool irra deebiin haaromsuu fi Ikkoo paarkii Harar dhugoomsuun akka danada’mes dubbatan.
Hoii Misooma koridoorii fi misooma magariisaa itti fufee jiruunis magaalattiin jiraattotaa fi turistootaaf mijessuun yaa’iinsi tuurizimiis akka dabalu gochuu dabalataan ibsaniiru.
Gama biraatiin naannichatti omishaafi oomishtummaa guddisuuf hojiin jajjabeessaan hojjetamuus hubachiisaniiru.
Sanyii mishingaa ji’a 3 keessatti oomisha argamsiisu uummatatti beeksisuunis ilaalcha hirkattimmaa seeftineetii uummata keessa ture jijjiiruunis danda’amuu kaasan.
Damee misooma Maaddii guutuunis Gandoota Aannanii fi killee hundeessuun uummata fayyaduurra darbamee dargaggootaaf carraa hojii ittiin uummun danda’amuus ibsaniiru.
Hojiileen baroota jijjiiramaa hojjetaman bu’aa jajjabeessaa galmeessisuun milkaa’ina imala badhaadhinaa mirkaneessaa jiraachuu ibsaniiru.
Gara fuula duraattis hojiiwwan nagaa, misoomaa, fi bulchiinsa gaarii naannichatti eegalaman itti fufiinsaan akka milkaa’anii fi fayyadamummaan ummataa akka guddatuuf xiyyeeffannaan akka hojjetamu Obbo Geetuun hubachiisuu isaanii ragaan Biiroo Komunikeeshinii naannichaa irraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia