Paartichi Walga’ii idilee guyyoota lamaaf gaggeessaa ture xumure
Finfinnee, Ebla 18, 2017 (FMC) –Koreen Hojii Raawwachiistuu Paartii Badhaadhinaa walga’ii idilee guyyoota lamaaf gaggeessaa ture xumureera.
Korichi walga’icha xumuruu ilaalchisee ibsa baaseera.
Paartichi walga’ichaan dhimmoota Siyaasaa Itiyoophiyaa,
diinagdee, hawaasummaa, fi dippiloomaasii Itiyoophiyaarratti bal’inaan mari’achuu ibseera.
Itiyoophiyaan Bara 2018 gara abdii haaraatti ceesisuuf, bara 2023tti immoo mallattoo badhaadhina Afrikaa akka taatuuuf, 2040tti moodeela badhaadhinaa Idil Addunyaa akka taatuuf galma qabatee mirkaneessuuf mallattooleen milkaa’inaa mul’achuu Korichi eereera.
Mallattoolee milkaa’inaa kunneen mul’anni badhaadhinaa sirrii ta’uuf agarsiistuu ta’uu eereera.
Yaa’ii idiilee 2ffaa Paartii Badhaadhinaan booda damee Siyaasaa fi Dippiloomaasiin bu’aan galmaa’uu himeera.
Paartilee Siyaasaa garaagaraa waliin sadarkaa hundaatti waltajji fi tumsi taasifamu seenaa siyaasaa Itiyoophiyaa gara boqonnaa haaraatti ceesisuu eereera.
Naannoo tokkoon alatti naannoolee hundatti waltajjiin marii ajandaa walitti qabuu xumuramuu ibseera.
Kutaalee biyyaatti rakkoo nageenyaa qaban tokko tokkootti nageenyi bu’aa jiraachuus himeera.
Waamicha nageenyaa Mootummaan irra deddeebiin taasise hordofee lakkoofsi hidhattoota kara nagaan galanii yeroo gara yerootti dabalaa jiraachuus akeekeera.
Dandeettii seera kabachiisuu guddachaa dhufuus eereera.
Waldhabdeen Somaaliyaa waliin ture karaa dippilomaasiin furmaata argateera.
Ejjennoon Itiyoophiyaan karra galaanaa qabaachuu qabdi jedhu fudhatama addunyaa argachaa jira.
Hariiroon Itiyoophiyaan Dhaabbilee Faayinaasii Idil Addunyaa waliin qabdu fooyya’uurran darbe deeggarsi taasifamuuf guddachaa dhufunis ibsameera.
Waltajjii idil Addunyaatti fudhatamummaan Itiyoophiyaa guddateera.
Hariiroon dippiloomaasiis kallattii hundaan olkaa’eera.
Raawwiin hanga ammaatti jiru akka agarsiisuutti guddinni diingadee bara kanaa % 8.4 kan guddatuu ta’uu himeera.
Sadarkaa Dameetti Qonni %6.1, Indaastiriin %12.8, Oomishaan %12.0, ijaarsi % 12.3, Tajaajilli % 7.1 akka guddatu gamaaggamameera.
Baatiwwan saglan darban galiin mootummaa waliigalaa kan bara darbeen yoo madaalamu %134 caalmaa qabaachuun eerameera.
Gaheen liqaan alaa oomishaa biyyaa keessatti qabu %13.7 gadii bu’eera.
Oomishaaleen gabaa alaaf dhiyaatan ijoon 6’n ,bara darbee yero wlafakkaatuun yoo ilaalame %82 hanga %386 daballii agarsisuunis eerameera.
Qamadii, Ruuzii, Buna, Baala Shaayii fi oomishaaleen Fuduraa Afrikaarraa dursaa ta’ee akka bahuuf tattaaffiin taasifamaa jiru bu’aa argamsiisaa jiraachuunis eerameera.
Fooyyeessi diinagdee gooroo lammiilee sadarkaa jireenyaa gadi aanaa irratti dhiibbaa akka hin uumnee deeggarsi taasifamuus himeera.
Xaa’oof Birrii biiliyoona 62, Seeftneetiif Birrii biiliyoona 41.2, boba’aaf Birrii biiliyoona 60 ,Qorichaaf biiliyoona 3.5, akkasumas zaayita nyaataaf birrii biiliyoona 6.1 fi daballii miindaaf Birrii biiliyoona 38.4 deeggarsa taasisuunis ibsameera.
Baatiiwwan salgan darban qofaatti carraan hojii alaa seera qabeessi kumni 300 fi kumni 44 fi 790 akkasumas carraan hojii biyya keessaa miiliyoonni 3 ol uumamuu eeruun, lakkoofsi Carraa hoijii fagoos dabalaa dhufuu ibseera.
Dhaabbilee misoomaa mootummaa yaadamaafi karaa haaraan deebisanii gurmeessuufi hogganuun danda’amuun bu’aan argamsiisaa jiru warreen kaaniif fakkeenya akka ta’u himeera.
Galiin waliigalaa Itiyoophiyaan Invastimanti Hooldiingis tiriiliyoona 1.5 gahuu yaadachiisuun, raawwii bara darbee baatii 9 waliin yoo madaalamu galiin bara kanaa guddina %86 argisiisuu ibseera.
Kunis mootummaan qabeenya biyyaa beekuuf, beekees haalaan hogganuufi jedhe.
Guddinni kuufama sharafa alaa bara kanaa kan bara darbee baatii 9 yoo madaalamu guddina % 203.99 argisiisuu kaasuun, maallaqni kuufamaa baankiiwwanii tiriiliyoona 3 darbuu eereera.
Raawwiin daldala al-ergii baatiiwwan 9 darbanii doolaara biiliyoona 5 ol ta’uu himuun, kunis kan bara darbee yeroo walfakkaataan yoo madaalamu guddina % 150.39 fideera jedhe.
Baatiiwwan saddeettan darban liqaan birrii biiliyoonni 400 fi biiliyoonni 73.9 baankiiwwan daldalaarraa gadhiifamuus ibsuun, kan bara darbee yeroo walfakkaataan yoo madaalamu % 61.9 qabaachuu eereera.
Liqaa kana keessaas % 76.6 damee dhuunfaaf kennamuu kaasuun, damee dhuunfaaf liqaa caalmaan kennamuun, imaammata dameen dhuunfaa diinagdee keessatti gahee barbaachisaa akka bahatuuf kaa’ame qabatamaan mul’isaa akka jiru kan agarsisudha jedhe.
Tattaaffii hunda galeessii Diijitaal Itiyoophiyaa 2030 dhugoomsuuf eegalaman bu’aa argamsiisaa jiraachuu eeruun, fayyadamtoonni interneetii miiliyoona 50 fi kuma 200, fayyadamtoonni moobaayilaa miiliyoona 86 fi kuma 600gahuu akeekeera.
Maamiltaanni teelee-birrii miiliyoona 52.56 ta’uufi faayinaansiin diijitaalaa fayyadamummaa haqa qabeessa hawaasaa mirkaneessuurra darbee guddina diinagdeef shoora olaanaa gumaachaa jiraachuu ibseera.
Baatiiwwan 9 darban karaalee diijitaalaan Birrii biiliyoonni 7.73 qusatamuu, birrii biiliyoonni 26.77 karaa diijitaalaan liqiin kennamuu, bittaafi gurgurtaan birrii tiriiliyoonni 12.51 raawwatamuu eereera.
Kallattiin piroojektoota gurguddoo yeroo fi sadarkaa barbaadamuun xumuruuf kenname hedduu isaanii xumuraaf gahaa jiraachuu kan ibse paartichi, raawwiin Hidha Haaromsa Guddichaa % 98.66 gahuu, maddeen anniisaa Kooyishaa, Ayishaafi Asallaabu’uura karoorfameen deemaa jiraachuu gamaaggamameera jedhe.
Ijaarsi buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Bishooftuus haala egeree Itiyoophiyaa ilaalcha keessa galcheen boqonnaan qophii duraa raawwatamaa jiraachuu ibseera.
Misoomni Kooriidarii magaalaa Finfinneetti 8 akkasumas magaalota guutuu biyyattii 65 keessatti hojjetamaa jiraachuun abdii kan namatti horudha kan jedhe paartichi, hidhawwan jallisii hedduun gara xumuraarra gahuu ibsa isaan kaaseera.
Hidhawwan jallisii 9 keessaa raawwiin hidhawwan 6 % 75 ol irra gahuu himeera.
Mata duree “Barnoota Dhalootaaf” jedhuun deeggarsi birrii biiliyoonni 82 ol sassaabamuufi manneen barnootaa kumni 6 fi 815 guutuu biyyattiitti ijaaramuu ibseera.
Gahumsa manneen barnootaa buleeyyii fooyyessuufi warreen walitti bu’iinsaan miidhaman suphuuf tattaaffiin taasifame hojii dhalootarratti hojjetamuuf bu’uura kan kaa’u ta’uu akeekeera.
Du’aatii haadholiifi daa’immanii hir’suuf hojiin hojjetames bu’aan fooyyee qabu galmaa’uu himeera.