Paartiin Badhaadhinaa raawwii Hojii baatiiwwan jahan darbanii gamaaggamu eegale
Finfinnee, Guraandhala 27, 2017 (FMC) – Paartiin Badhaadhinaa raawwii Hojii baatiiwwan jahan darbanii gamaaggamuu eegaleera.
Gamaaggamicharratti Pireezidaantii Itti Aanaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah dabalatee Hoggantoonni Waajjira Muummee Paartichaa fi Waajjiraa Damee Naannoolee hundaa argamaniiru.
Haala siyaasaa biyyaalessaa, ijaarsa paartii cimaa milkeessuuf hojiileen Paartii fi mootummaan qindoominaan hojjetan kan gamaaggamaman ta’uun ibsameera.
Akkasumas murtoowwanii fi kallattiiwwan yaa’ii 2ffaa Paartichaan kaa’amanirratti raawwiin marii sadarkaa sadarkaan taa’aamanii kan qoratamu ta’uun eerameera.
Dabalataanis hojiileen Paartii fi mootummaan qindoominaan hojjetaman kan gamaaggamaman yoo ta’u, carraa hojii uumuun, qalaa’iinsa jireenyaa waliin walqabatee rakkoolee furamanii fi eeggatummaarraa ba’uuf hojiileen hojjetaman kan ilaalaman ta’uu ragaan Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.
Gamaaggamichi guyyoota sadiif kan gaggeeffamu ta’uunis ibsameera.
#Oromia #Ethiopia