Paartiin ‘United Russia’ Hariiroo Itiyoophiyaa fi Raashiyaa cimsuuf Murannoo qabaachuu ibse
Finfinnee, Amajjii 26, 2017 (FMC) –Paartiin ‘United Russia’ hariiroo Itiyoophiyaa fi Raashiyaan qaban caalmaatti cimsuuf murannoo qabaachuu Miseensi Biiroo Mana Maree Olaanaa Paartii ‘United Russia’ Seenaatara Raashiyaa fi Itti Gaafatamaa Itti Aanaan Dhimmoota Alaa Seenetichaa Andireey Kilimoov ibsaniiru.
Andireey Kilimoov ibsa kennaniin, Magaalaa Finfinneetti bakkeewwan hawwata Tuurizimii fi hojiilee misooma garaagaraa daawwachuu ibsuun, magaalaattiin jijjirama ajaai’ibsisaarra jiraachuu dubbataniiru.
Magaalaattitti bu’uuraalee misoomaa, dhaabbileen tajaajila kennanii fi bakkeewwan hawwata Tuurizimii sadarkaa idil Addunyaa eeggateen hojjetamuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan damee hundaan jijjirama olaanaarratti akka argamtu mirkaneeffachuu kaasaniiru.
Itiyoophiyaafi Raashiyaan michuummaa waggoottan 126 galmeessise qabaachuu eeruun, hariiroo gamlamee dameelee Siyaasaa, Diinagdee fi dhimmoota Idil Addunyaarratti qaban cimsaa jiraachuus himaniiru.
Paartiin Badhaadhinaa Misooma, nageenyaa fi badhaadhinaa Itiyoophiyaa mirkaaneessuuf ga’umsa gaarirratti kan argamuu ta’uu eeraniiru.
Pireezidaantiin Paartii Badhaadhinaafi Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Tumsa, Misoomaa fi guddinni biyyoota fudhatama akka qabaatuuf waamicha dhiyeessuus ibsaniiru.
Biyyoonni lameen hariiroo Paartii fi Paartii, Mootummaa fi Mootummaa akkasumas Uummataafi Uummataa cimsuuf Paartiin isaanii murannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.
Wandiwasan Aragaahinyiitu gabaase.